Ayyaantuu Damee Waggaan kun anaaf maatii koof adda jedhte

Ayyaantuu Damee maatii waliin

Credit: Ayyaantuu Damee

Ayyaantuu Damee, Guyyaa dhaloota Kirstoos maatiidhumaan kabajna jechuun nutti himte. Bara kana Guyyaa Dhaloota Kirstoos (Christmas) dirqama hojii irra turte, mucaa ilmaas deessiste. Waan gaariin tahee arguun qalbii koo gammachiise, maatii mucaa saniis gammachiise. Anis hojii booda maatii koo waliin yeroo Ayyaanaa gaariin dabarse jedhti.


Ayyaantuu Damee haadha Ijoollee sadii ti. Biyya Australia ega qubatteen booda sadarkaa barmootaa gara garaa baratteetti. Ayyaantuun haal milkoomina biyya lammaffaa keessaa yeroo gaafadhetti barmoota jalqabaa diplomaa Nursii barachuu natti himte. Booda irras Bachelor of Midwifery fi Nursing barachuu nuu mirkaneessite.

Ayyaantuun, hawaasa koo gargaaruufis carraa barmoota afaan hiikkaa argadheen galgala galgala Diplomaa afaan hiikkaa RMIT University irraa baradhe , dabree dabrees ittiinis hojjechaa jira jedhte. Haa tahu malee dhaabbataatti mana fayyaa keessa, keessattuu deessiummaa irratti waan hojjettuuf carraa argameen namoota afaan rakkatan nan gargaara jedhte. Hojiin ishii yeroo ammaa haadholiif daa'imman irratti xiyyeeffata , akka Ayyaantuun nutti himtetti.

Kaayyoo fi akeeka beeksumsa ishee guddifachuu barbaadduun amma Masters ishee hojjechaa akka jirtus nuu himtee jirti. Dubartootni akka gaafatama maatii qabanii fi dhiibbaan jireenyaa adda addaa irra jiruuf, sadarkaa tokko irraa tokkotti cehuun akkaan rakkisaa dha. Garuu Ayyaantuu humtuu akka ishii hin daangessinee fi deggersa maatii, hiriyaa fi hawaasaa akka qabdus nu hin dhoksine.

Ayyaantuun xumura irratti, nuti biyya nagaa qabu keessa jirra garuu saba keenya rakkinoota garagaraa keessa jiraniif Waaqayyoon nan kadha, bara nagaas hawwaaf jedhte.

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service