Gadda irratti wal jajjabeessuu hojii gaarii nama yaadachuu-Pastor Phaawulos Ol-aanaa waliin

A candle photo used by mourners

A candle photo used by mourners Credit: Pixbay

Akka akka aadaa garagaraatti namuu utuu addunyaa kana irraa hin godaanin dura maal akka barbaadan, yeroo boqatan booda maaltu akka isaaniif tahuu barbaadan dhaammatu.


Akka akka aadaa garagaraatti namuu utuu addunyaa kana irraa hin godaanin dura maal akka barbaadan, yeroo boqatan booda maaltu akka isaaniif tahuu barbaadan dhaammatu.

Du'i yeroo dhufu nama rifaasisa garuu namni takkaa ni dhalata, ni jiraata achiisi ni godaana. Jireenya ofii keessatti waan gaarii hojjechuun barbaachisaa tahuu Pastor Phaawulos dubbatu. Hawaasni keenya, wal bira dhufee waliin taphatee gadda wal irraanfachiisuun kun waan salphaa miti, wal jajjabeessuun namootni gaddi itti seene jabaatanii akka dhaabbatan gargaara jedhu.

Dhugaan tokko namni ni dhalata, ni du'as. Sammuu ofii akka du'i jiru, akka nama jaallatan waliin adda bahuun jiru amansiisanii taahuun caba garmalee nama oolcha. Dhiibbaa fayyaa silaa namatti uumu irraas dandamachuu danda'ama taha. Yeroo namni jaallatan tokko nama dhiisee godaanu ykn boqotu Waakkachuu, ykn "denial" sammuu namaa keessa akka hin deddeebine haga danda'ame gargaarsa gaafachuun wal jajjabeessuun gaarii dha. Hawaasni keenya, wal jajjabeessuu, wal bira dhaabbachuu fi akka dandeettii isaatti wal tumsuun aadaa boonsaa fi dhalootni kan irraa baratee gurmuu jireenya gaarii kana guddifatu jajjabeessama.

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service