Boqonnaa ijoollee ilaalchisee Adde Fooziyaa Adam maal jedhu

Boqonnaan ijoollee, barmoota irraa haa boqotanuu malee amma illee kaan isaanii hojiin mana barumsaa irraa fudhatanii galan ni qabaatu. Warreen sadarkaa tokkoffaa haga tokko ji'a lama guutuu boqonnaa qabu. Haa tahuu, yeroo kanatti ijoolleen maal irratti dabarsu? maatii fi hawaasni maal gochuu qaba. Yaadi Adde Boontuu Mul'isaa, Adde Amiinaa Ali fi Adde Fooziyaa Adam wal fakkaata.


Jijoolleen yeroo boqonnaatti maatii fi hawaasa irraa waan baayyee eegum jedhu harmooliin dubbifne. Akka adde Boontuu Mul’isaa, Adde Amiinaa Ali turban dabre fi Aadde Fooziyaa Adam har’a nuu ibsan keessatti yaada wal fakkaatuun ijoolleen yeroo mana oolanitti waan tekinoloojiin wal qabate irra oolu. Kun yaaddessaa dha, kanaaf ijoolleen kan maatii qofa utuu hin taane kan hawaasaas waan tahaniif waan hundi keenya itti yaaduu qabnu dha. Jedhu.

Ijoolleen sadarkaa barnootaan adda adda akkasumas umriin illee wal caalu, wanni yeroo itti dabarsan isaan barbaachisus akkuma umrii isaaniitti gara gara. Kanaaf hawaasni akkaataa ijoollota mana barumsaa irraa boqonnaa irra jiran kana ittii bohaarsuu malu irratti yaadamuu qaba jechuun dubbatu. 

Ijoolleen mana ooluu irraa waa barachuun yeroo faayidaa qabaatu, garuu warra ijoollee keessaa yoo tokko bira oolee karaa itti agarsiise bu’aa qabaata. Garuu, ijoollee dhiiraa fi dhalaan illee adda adda tahuu dubbatu dubbatu aadde Fooziyaan.  Haga danda’ametti, ijoolleen daandii gaarii irratti qajeeltee guddachuu fi waann isaan bohaarsu guutamuufiif maatii fi hawaasni wal qabatee irratti hojjechuu qaba jedhan.  

 

 

 

 

 



Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service